Dhalattoonni Tigiraay gocha shororkeessichaa hubachaa jiru jedhame

69

Finfinnee, Hagayya 28/2013(TOI)-Dhalattoonni Naannoo Tigiraayii kutaalee biyyattii adda addaa keessa jiran gocha garee shororkeessa ABUT hubachaa jiru jedhan Waajjira Minisiteera Muummeetti Qindeessaa Giddugala Ijaarsa Sirna Dimookirasii Dr. Biqilaa Hurrisaa.

Dhalattoonni Naannoo Tigiraayi kutaalee biyyaattii adda addaa keessa jiran Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa tarkaanfii garee shororkeessaa ABUT irraatti fudhachaa jiru hubataniiru jedhan.

Duulli taasifamaa jiru kunis Itoophiyaa baraaruuf tarkaanfii fudhatamaa jiru ta’uu hubachuusaanii himanii, biyyaatti diiguuf namoota garee shorokeessaa kanaaf odeeffannoo dabarsanii kennaan saaxiluun aantummaa Itoophiyaaf qaban agarsiisuu itti fufu qabu jedhan.

Ummataa Tigiraayiin ala Itoophiyaan ijaaramtu hin jirtu, ummanni Tigiraayi Itoophiyaa har’aa ijaaruuf gumaacha olaanaa qaba kan jedhan Dr. Biqilaan, ummaanni Tigiraayi ummata Itoophiyaa waliin waliitti dhufeenya xinsammuu, dinagdeefi hawaasumma qabaachuu himaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT ummaanni Tigiraayii lammii Itoophiyaa ta’uusaatti akka hin boonne dhiibbaarratti uumuun waggoottan 27’f irratti hojjeteera, har’as maqaa ummataan biyya diiguun faayidaa dhuunfaasaanii kabachiisuuf hojjechaa jiru jedhan jechuun Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa gabaasera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015