Aadde Adaanaach Abeebee boqachuu weellisaa Alamaayyoo Isheeteef gadda itti dhaga’aame ibsan

63

Finfinnee, Hagayya 28/2013 (TOI)- Itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee boqachuu weellisaa buleessa Alamaayyoo Isheeteef gadda itti dhaga’aame ibsaniiru.

Aadde Adaanaach Abeebee ‘Itoophiyaan ogeessa muuziqaa guddaa dhabdee’ jedhaniiru.Boqachuu weellisa Alamaayyoo Isheeteefis gaddi guddaan natti dhaga’ameeraa jedhaniiru.

‘Alamaayyoo Isheetee Ityoophiyaa jaallatuuf hojiiwwan muuziqaatin biyyaa isaaf kan dhama’aa ture’ jedhaniiru.

Aadde Adaanach ‘maqaa kootii fi bulchiinsa magaalaa Finfinneen’ maatii, firoottaan fi dinqisifattootaa jajjabinaa haawwa jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015