Kuubaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Shibbiruu Maammoon Itti aanaatuu Ministira Dhimma Alaa Kuubaa Anaayaanisii Roodriigeez waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.

71

Finfinnee, Hagayya 27/2013 (TOI) – Kuubaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Shibbiruu Maammoon Itti aanaatuu Ministira Dhimma Alaa Kuubaa Anaayaanisii Roodriigeez waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.

Kuubaan Hariiroo fi tumsa hundagaleessa Itoophiyaa waliin qabdu cimsitee kan itti fuftu ta’uu marii kanaan beeksiifteerti.

Ambaasaaddar Shibbiruun deeggarsa damee hundaan Kuubaan Itoophiyaaf taasiiftu dinqisiifachuun galateeffataniiru.

Itoophiyaan hariiroo waloo Kuubaa waliin qabdu caalmaatti cimsuuf fedhii qabaachuu eeraniiru.

Ambaasaaddar Shibbiruun dhimma Marii Sadee Hidha Haaromsaa, Waldhabdee daangaa Itiyoo – Sudaanii fi haala waqtaawaa Naannoo Tigraay ilaalchisee ibsa laataniiru.

Itti aanaantuun Ministira Dhimma Alaa Kuubaa Anaayaanisii Roodriigeez gama isaaniin ibsa haala waqtaawaa Itoophiyaa ilaalchisee laatameefitti daraan gammaduu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015