Itiyoo Teeleekoom Naannoo Gaambeellaatti sagantaa sirna eegalchiisa tajaalila intarneetii saffisaa 4G gaggeesseera. - ENA Afaan Oromoo
Itiyoo Teeleekoom Naannoo Gaambeellaatti sagantaa sirna eegalchiisa tajaalila intarneetii saffisaa 4G gaggeesseera.
Finfinnee, Hagayya 27/2013(TOI)- Itiyoo-Teeleekoom Naannoo Gaambeellaa kibba lixaa fi lixaatti sagantaa sirna eegalchiisa tajaalila intarneetii saffisaa 4G gaggeesseera.
Intarneetii moobaayilaa saffisa gahaan fayyadamuuf kan dandeessisu 4G naannichatti maamiloota kuma 93'fi 407'f tajaajila qulqulluu ta’e kennuuf kan dandeessisu ta’uunis himameera.
Itiyoo -Telekoom sadarkaa biyyaatti magaalota 103 ittifayyadamtoota tajaajila Intarneetii saffisaa 4G taasisuuf hojjechaa kan jiru yoo ta'u haga ammaatti Magaalaa Gambeella dabalatee magaaloota 73 itti fayyadamtoota tajaajila kanaa taasisuu danda'uusa himeera.
Kubaanichii bara bajata qabameetti magaalota biyyatti 106 ittifayadamoo tajaajila Intarneetii saffisaa 4G tasisuuf akka hojjeta jirus himeera.