Dr Abiy Atleet Tigist Gazzahaany Oloompikii Tookiyoo kan paaraa olmpiikiin meetira 1500 injifachuun meedaliyaa warqee argamsisteef baga gammaddan jedhan

143

Finfinnee, Hagayya 22, 2013(TOI)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Atleet Tigist Gazzahaany dorggommi paaraa oloompiikii Tookiyootti geggeeffama jiru irratti fageenya meetira 1500 injifachuun meedaliyaa warqee argamsisteef erga baga gammadanii dabarsaniiru.

Dookatr Abiy fuula Feesbuukii isaaniin akka ibsanitti, Tigist Gazzahaany Mangistuu dorgommii Paaraa oloompikii Tookiyoo irratti fiigicha meetira 1,500 dubartootaatiin injifattee madaaliyaa warqee argamsiisuudhaan Itoophiyaatti atileetii jalqabaa waan taateef baga gammaddan jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015