Saaheel hooldiing Giruup hidha haaromsa guddicha Itoophiyaaf deeggarsa Doolaara Ameerikaa kuma 10 taasise.

53

Finfinnee, Hagayya 06/2013 (TOI) - Kaatariitti oomishaa sibiila fi sibiila deebisanii hojiirra olichuun kan beekamu Saaheel hooldiing Giruup kubbaniyaan jedhamuu hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaaf deeggarsaan doolaara Ameerikaa kuma 10 kenneera.

Deeggarsa kanas kubbaaniyaa kanatti daarekatara misooma dinagdee kan ta'an dooktar Hasan Alsaamadi misiiyoona Itoophiyaa Dooktar Saamiyaa Zakaariyaatti kennaniiru.

Kubaaniyaan kun yeroo ammaa Warshaa Baatirii deebisanii hojirraa olichuu fi qindeessuuf gargaaru ijaaruuf magaalaa Dabrabiraanii lafa Inivestimetii fudhatee ijaarsaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015