Olompiikii Tookiyootin Itoophiyaan warqee jalqabaa argatte

192

Finfinnee, Adooleessa 23/2013(TOI) Olompikii Tookyoo 2020 Figicha meetira 10000 dhiirotaan Salamoon Baraaggaa mo'ateSalamoon Fageenya kana yeoo 27.43.22 ta'een xumuruun Meedaaliyaa Warqee jalqabaa Olompikii kanarratti Itoophiyaaf argamsiiseera.

Dorgommichaan atileetoonni hirmaataan Baarihuu Aragaawii daaqiqa 27 sekandii 46 fi maayikroo sekandii 16tti seenuun sadarkaa 4ffaa yoo argatuu, atleet Yoomiif Qajeelchaa ammoo daqiqa 27 sekandii 52fi maayikroo sekandii 3 keessaatti 8ffaa ta’uun isaa beekameera

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015