Aadde Mufariyaat baarreessituu olaantuu dhimmoota siyaasaa fi ijaarsa nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin mari’atan

72

Finfinnee, Adooleessa 23/2013 (TOI)- Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kaamiil baarreessituu olaantuu dhimmoota siyaasaa fi ijaarsa nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Dooktar Roozmaarii Dikaarloo waliin mari’ataniiru.

Ministirittin fuula miidiyaa hawaasa isaaniin akka ibsanitti, turtii isaaniin haala waqtaawaa Itoophiyaa keessaahu naannoo Tigraayitti waliigaltee dhuukasaa dhaabuu booda deeggarsa namoomaa ilaalchisee baldhinaan mari’ataniiru.

Dabalataanis adeema jijjiirramaa Itoophiyaa keesaa jirtu, adeemsa filannoo dhiyeenyaa gaggeeffamee fi sadarka biyyoolessaatti wagga tokkoof gageeffameerratti adeemsa marii hunda galeessaa ilaalchisee ibsa taasisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015