Abbaan Alangaa Letenaal Jeneraal Taddasaa Warradee dabalatee namoota galmee isaa jala jiran 74 irratti himata bane.

616

Finfinnee, Adooleessa 20/2013 (TOI) – Abbaan Alangaa namoota galmee Letenaal Jeneraal Taddasaa Warradee jalatti argaman 74 irratti himata banuu beeksiise.

Namoonni himanni irratti baname kunneen Mootummaa Federaalaa humnaan jijjiruuf garee shororkeessaa ABUT irraa ajajaa fudhachuun Humna komandii mootummaa Tigiraay hundeessuufi hogganuun naannooo Tigiraayitti dhaabbilee mootummaa Federaalaa, Raayyaa Ittisa Biyyaafi Poolisii federaalaarratti kana malees Naannoo Amaaharaa Fi Affaar akkasuma Ertiriyaarratti haleellaa raawwachuun himataman.