Namni dhuunfaan Doolaara Ameerikaa kuma 30 ol seeraan ala daddabarsaa ture to’atame - ENA Afaan Oromoo
Namni dhuunfaan Doolaara Ameerikaa kuma 30 ol seeraan ala daddabarsaa ture to’atame

Finfinnee, Adooleessa 16/2013 (TOI) - Namni dhuunfaan Doolaara Ameerikaa kuma 30 ol seeraan ala daddabarsaa ture to’atamuu Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksiise.
Shakkamaan kun kutaa magaalaa Eekkaa aanaa 7 iddoo 22 jedhamee waamamuutti to’atamuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu himeera.
Namni dhuunfaan kun Doolaara Ameerikaa kuma 30 fi 204 qabatee Baabuuraan wayita imalaa jiru Poolisootaan to’atamuu komishinichi ibseera.