Olompikii Tokiiyoo irratti qabxii gaarii galmeessuun maqaa Itoophiyaa addabaabayyii Addunyaa irratti waamsiisuuf qophoofneerra- Atileet Koomandar Daraartuu Tulluu.

235

Finfinnee, Adoolessa 06/2013(TOI) - Olompikii Tokiiyoo irratti qabxii gaarii galmeessuun maqaa Itoophiyaa addabaabayyii Addunyaa irratti waamsiisuuf qophoofneerra jedhan Pireezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Koomandar Daraartuu Tulluu.

Waldorgommi Olompikii Tokiiyoo 2020 jalqabuuf guyyoota 10 hafu kanatti Itoophiyaan dorgoomii Atileetksii, Tookaandoo ,Bishaanfi biskileetin akka hirmaattuu himameera.

Dorgoomii gama Atileetiksiin meetiraa 800 hanga marattoonnitti qabxii gaarii galmeessuuf qophii hundaa taasisuus himaniru.

Olompikii Tokiiyoo bakka itti gootichii Abbabaa Bikilaa meedayiiliyaa warqee lammaffaa argatee waan ta’eef, Itoophiyaaf seenaa addaa qabas jedhan, nutis dorgoommii kanaaf keessummaa guddaadhas jedhaniiru.

Atileettonni Itoophiyaa bakka bu’uun iddoo seenaa kanatti dorgoomanis, qabxii seenaa hojjetamee kana madaaluu galmeessuuf qophii ta’uus himan Atileet Koomaandaar Daraartuun.

Atileettoonni sababa vaayiraasii koroonaatin dorgoomicha irra akka hin haqamneefis of eeggannoon barbaachisaa taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Qindeessaan garee Leenjistoota meetiraa kuma 10fi kuma 5 leenjisaa Huseen Shiboo, atileettoonni Itoophiyaa bakka bu’aan kunneen qophii gaha taasisuu himan.Dabalatanis Atileettoonni olompikii Tokiiyoo hirmaataan kunnen baatii saddeetiif shakkalli taasisaa turus himaniiru.

Atileettoonni olompikii Tokiiyoo irratti hirmaataanqabxiii gaarii galmeessissuuf kan hojjetaan ta'uus himaniiru.

Jila olompikii Tokiiyoo irratti hirmataanif har’aa sirni gaggeessa ni taasifamaas jedhame eeggama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015