Daandii konkolaataa saffisaa Mojoo – Maqii – Baatuu eebbifame

105

Finfinnee, Ebla 30/2013 (TOI) – Daandiin Saffisaa Mojoo - Maqii - Baatuu har'aa eebbifamera.

Piroojeektii daandii saffisaa kana Ministirri muummee Dooktar Abiy Ahimad eebbisiisaniiru.

Daandiin saffisaa kun Kiiloo Meetira 92 kan dheeratudha jedhamera.

Daandichi qaama Piroojektii gaanfa Afrikaa walitti hidhu keessaa isa tokko yoo ta’u, walitti hidhamiinsa diinagdee biyyoota gaanfa Afrikaa keessaayyuu Kan keeniyaa fi Itoophiyaa keessatti shoora olaanaa qabaata jedhamera.

Daandichi piroojeetii qamaa daandii saffisaa Gibsti Kaayiroo hanga Afrikaa Kibbaa Keeppi Taawunitti kan fulla’u qaama daandii dheeraa Afrikaa ta’uu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015