Ingiliiz sodaa vaayirasii koronaa haaraa Kan birootin saaxilaamu kan qabdu ta’uu ministirri muummee biyyatti beeksisan.

75

Finfinnee,Ebla 13/2013(TOI)- Ingiliizitti sodaan vaayirasii koronaa haaraa kan birootin saaxilaamu waan jiruuf of eggannoon barbaachisu akka taasifamuuf ministirri muummee biyyatti Booris Joonsan hubachisaniiru.

Vaayirasii haaraaf saaxilamuun cinaatti haalli itti namoota waliin turu jiraachuu hubachuun ogummaan of eggannoo taasisaa jiraachuus baruu barbaachisa jedhaniiru.

Amantiin saayinstistoota Ingiliiz hedduu weerarri vaayirasii koronaa haaraan kan biroo dhuma bara kanarraa mudachuu danda’a kan jedhuudha.

“haala amma jiruun vaayirasichaa ittisuu dandeenya jennee dagachuun gowwuummadhas” jedhaniiru.

Ministirri Muummee Ingiliiz Booris joonsan qorichoota haaraa dhukkuba vaayirasii koronaarraa nama oolchan argachuuf yaalii taasisaa jiraachuu himaniiru.

Koree adeemsa kana hordofuus hundeessu himaniiru jechuun miidiyaan hawaasaa RT jedhamuu gabaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015