Obbo Dammaqaan Gamtaa Awurooppaatti Komishinii bulchiinsa balaa waliin mari’atan

47

Finfinnee, Eebila 12/2013 (TOI) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Gamtaa Awurooppaatti Komishinara bulchiinsa balaa Yaaneez Naarsiik waliin mari’ataniiru.

Dhimma deeggarsa namoomaa naannoo Tigraay irrattis marii taasiisaniiru.

Obbo Dammaqaan naannichatti rakkoolee jiran furuuf mootummaan qophii ta’uu ibsaniiru.

Gamtaa Awurooppaatti Komishinarri bulchiinsa balaa kan ta'an Yaaneez Naarsiik gama isaaniin deeggarsa namoomaa naannichaatti taasiifamaa jiru jajjabeessaaniiru.

Sarbama mirga namoomaa naannoo Tigraayitti qaqqabe waloon qorachuuf Kominishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa fi Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii waliigalteerra ga’uu isaanii dinqisiifataniiru.

Loltoonni Eertiraa naannichaa akka ba’aniif murtoon fudhatame jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru.

Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa balaa Komishinar Mitikkuu Kaasaan gama isaaniin lammiilee miiliyoona 4.5f deeggarsi qaqqabuu ibsaniiru.

Deeggarsa hanga ammaatti taasiifame keessaa % 30 miidhaan nyaataa, % 7 ammoo meeshaalee nyaataan alaa ta’uu eeruu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015