Saankiraameentootti Hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaaf Doolaarri kuma 60 ol deeggarsi taasifame.

Finfinnee,Ebla 7/2013(TOI) - Saankiraameentootti Hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaaf Doolaarri kuma 60 ol deeggarsi taasifame.

Koreen sassaabbii maallaqaa ijaarsa Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaa naannawa Saankiraameentoo Doolaara kuma 60 ol walitti qabuun Qoonsilaa Itoophiyaa Loosaanjileessitti argamutti kenneera.

Ittigaafatamaan Waajjira Qoonsilichaa ambaasaaddar Mulugeetaa Kaliil deeggarsa maallaqaa taasifameef galata dhiyeessaniiru.

Akka ragaa Ministeera Dhimma Alaatti deeggarsichi hojiilee misoomaa biroorratti cimee akka itti fufu abdii qaban ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015