Imbaasiin Itoophiyaa Indiyaa Magaalaa Deehlitti argamuu injifannoo Adwaa 125ffaa kabaje

258

Finfinnee,Gurraandhala 24/2013(TOI)- Imbaasiin Itoophiyaa Indiyaa Magaalaa Deehlitti argamuu injifannoo Adwaa 125ffaa kabaje.

Imbaasiichi ayyaannicha barattootaa Itoophiyaa Yuuunivarsiitii Maarwaa Dii baratan waliin kabaje.

Kabaja ayyaannichaa irrattis haasaa kan taasisaan Ambaasaaddar Tizitaa Mulugeetaa, ayyaana injifannoo Adwaa kabajaa kan jirru aarsaa abboonni keenya kanfalaniin jedhan.

Injifannoo Adwaas gurraachoota idil-Addunyaa irra jiranif daandii billisuumaa kan bane ta’uu himan.Injifannoon Adwaa dhaloota har’afis kaayyoo tokkoof waliin hojjannaan, galma barbaadame gahamuu akka danda’amuu kan ibsus waan ta’eef irraa barachuu qabnaa jedhaniiru.

Akkasumas karaa tokkuummaa Afriikaa ittin cimsuu dandeenyuus jedhaniiru.

Barattooonni yunvarsiitichaas agarsiisa garagaraa agarsiisuun ayyaannichi bifa ho’an akka kabajamuu taasisuus himameera.