Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Naannoo Tigraayi deebisanii ijaaruuf qarshii gurgurtaa kitaaba Ida’amuu Birrii kuma 200 fi miindaa isaanii ji’a tokko arjoomu Hojigaggeessaa olaanaan Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraayii Dr. Muluu Naggaa ibsan.

Finfinnee,Gurraandhala 24/2013(TOI) - Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Naannoo Tigraayi deebisanii ijaaruuf qarshii gurgurtaa kitaaba Ida’amuu Birrii kuma 200 fi miindaa isaanii ji’a tokko arjoomu Hojigaggeessaa olaanaan Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraayii Dr. Muluu Naggaa ibsan.

Hojigaggeesssaa Olaanaan Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraayi deeggarsa bulchiinsa magaaloota Finfinnee, Dirree Dhawaafi Naannoo Hararii irraa deeggarsa Birrii miiliyooni 100fi miliyoona 50 argame fuudhaniru.

Hojigaggeesssaa Olaanaan Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraayi Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa Tigraayi deebisni ijaaruuf Birrii miiliyoona 200 deeggarsa taasisuuf waada galamu ibsaniiru.

Mootummaan Naannoo Sidaama deeggarsa Birrii miiliyoona 15 kennuun ni yaadatama. Deeggarsi hanga ammaa naannoo Tigraayiif taasifameen ummanni Tigraayi lammummaa isaaniin akka boonanfi yeroo rakkoo isaanii lammii isaaniif qaqqabuu akka qaban kan nama hubachiisu jedhame.

Naannichaatti deeggarsa mootummaafi dhaabbileen gargaartootan kennamu gargaaruuf Naannoo Oromiyaa, Naannoo Kibbaa, Affaarifi Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee meeshaalee nyaataa deeggarsa taasisuun isaanii ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015