Galmeen filaattoota gara Bitooteessa 16tti jijiirrame

76

Finfinnee, Gurraandhala 22, 2013 (TOI)- Guyyaan galmee filattootaa kana dura guyyaa qabameef Gurraandhala 22, 2013 gara Bitooteessa 16, 2013tti jijjiirramuu Boordiin Filannoo Biyyoolessaa beeksisee.Boordichi galmee filattoota ilaalchisee ibsa laateera.

Boordiin Filannoo Biyyoolessaa filannoo marsaa 6ffaaf gabatee yeroo baasee hojjechaa jiraachuunsa ni beekama.

Yeroo amma kana raawwatamaa kan jiru galmeen kaadhimamtootaa isa tokko yoo ta’u, gabatee yeroo ka’ameen hojiin olaanaa galmee filattootaa raawwachuudha.

Boordichi hojii filannoo hojjechuu erga eegalee rakkowwan isaa muudatan keessaa qophiin biiroolee naannoo hanqina qabaachuu fi raawwachiiftoonni leenjiirratti erga bobba’anii booda ta’uus biirooleen qophii ta’aanii argamuu dhabuun qalmeen kaadhimamtoota yeroo qabameen eegaluu dhabuu fi marsaa lamaatti qoodamuun ibsameera.

Meeshalee filannoo raabsuuf hanqinni geejjibaa jiraachuu ibsameera.Bu’uruma kanaan boordichi adeemsa galmee kadhiimamtoota gamaggamuun guyyoonni dabalataa akka barbaachisuu hubachuun marsaa jalqaabatin naannolee galmeen kadhimamtootaa itti eegalaan guyyoota 4f kan dheeratee yoo ta’u, marsaa 2ffaan naannolee galmee kaadhimamtoota eegalan irratti qophii biiroolee guyyoota jalqabaarratti rakkoo ta’ee akka ture hubatameera.

Boordichi raawwachiftoota filannoo walabaa adda baasuuf hojjechaa jiraachuun ni yaadatama.Galmeen filattootaa waliigala Gurraandhala 16 hanga Eebla 15, 2013 akka raawwatamuu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015