Naannoo Amaaharatti daandiin aspaaltii birri biiliyoona 4.3 ijaramuuf karoorfamee lama har'aa hojiin isaa eegalchifame.

56

Finfinnee, Gurraandhala 22/2013(TOI)- Naannoo Amaaharatti daandiin aspaaltii birri biiliyoona 4.3 ijaramuuf karoorfamee lama har'aa hojiin isaa eegalchifama.

Pirojeetiin daandii kunis daandii Danbacaa hangaa Saqalaa loot tokkoffaa fi Arbii gabaa - Sakaala- Tililii marsaa lammaaffadha jdhamera.

Daandiin ijaramuu waliigalaan dheerinaa Kiloometira 132 kan qabu yoo ta'u baasiin ijarsaa isaaf bahuu guutummatti mootummaa Itoophiyaatu baasa jedhamera.

Sirna ijarsaa piroojetii daandii kana jalqabsiisuu irratti itti aanaa Ministira muummee fi Ministirri dhimma alaa Obbo Dammaqaa Mokoniin, pireezidantiin naannoo Amaaharaa Obbo Aganyoo Tashaagar fi Ministirri Geejibaa aaddee Daagimaawit Mogos ni argamu jedhamera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015