Shaampiyoonaan ispoortii aadaa marsaa 18ffaa fi feestivaalli ispoortii aadaa 14ffaan kaleessa magaalaa Dirre Dawaatti eegalamee jira.

105

Finfinnee,Gurraandhala 22/2013(TOI)-Shaampiyoonaan ispoortii aadaa marsaa 18ffaa fi feestivaalli ispoortii aadaa 14ffaan kaleessa magaalaa Dirre Dawaatti eegalamee jira.

Shaampiyoonaan kun dhaadannoo ispoortiin aadaa keenya tokkummaa keenya jedhuun dorgomama.

Shaampiyoonaa kana irratti naannoo Tigraayiin alatti naannoolee hundi fi bulchiinsi magaalotaa finfinnee fi Dirree Dawaa hirmaataniiru.

Dhiheenya naannoo kibbaan adda bahuun of danda'ee kan hundaa'e naannoon Sidaamaa yeroo jalqabaaf shaampiyoonaa kana irratti hirmaateera.

Sirna baniinsaa shaampiyoonaa kanaa irratti argamuun dhaamsa baga nagaan dhufanii hirmaattotaaf kan dabarsan Kantiibaa itti aanaan bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaa Obbo Juwaar Kadir ispoortiin aadaa mallattoo tokkummaa sabootaa fi sablammootaati jedhan.Tokkummaan Aduwa irraatti saboonniifi sablammoon biyyatti hojjetaan dhaloota amman irra deebi'smuu qabas jedhaniiru.

Komishiinarri itti aanaan komishinii ispoortii Federaalaa Duubee Jiloo akka Itiyoophiyaatti gosoonni ispoortii aadaa 290 akka jiran eeruun ispoortii kana babal'isuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Shaampiyoonaa kana irratti ispoorteessitootni 1000 ol kan hirmaatan yoo ta'u, hanga Guraandhala 27tti itti fufa. Gaabsni kan OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015