Naannoo Tigraayitti lammiilee miiliyoona 3.5 oliif deeggarsi namoomaa raabsamuu Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Federaalaa obbo Mitikkuu Kaasaan ibsan.

81

Finfinnee, Gurraandhala 19/2013 (TOI) – Naannoo Tigraayitti lammiilee miiliyoona 3.5 oliif deeggarsi namoomaa raabsamuu Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Federaalaa obbo Mitikkuu Kaasaan ibsan.

Duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannichatti gaggeeffame hordofee lammiilee hedduu rakkoo namoomaaf saaxilamaniif deeggarsi dhiyaataa jiraachuu eeraniirun gabaa miidiyaaleen addunyaa tokko tokkoo osoo hin qulquleeffatiin naannichaatti namoonni miiliyoona 4.5 gargarsaa namooma kan barbaadanidha jedhanii gabaasan garu sirrii miti jedhaniru.

Qorannoo Komishiniichi geggesseen hojii olaantummaa seera kabachiisuun dura naannichatti namoota miiliyoona 1.8 gargarsii ni barbaachisa ture. Sanaan booda immoo namoota kuma 700 itti dabalamee jedhaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015