Giiniin duula talaallii iboolaa eegalte

53

Finfinnee, Gurraandhala 17/2013 (TOI)- Giiniitti duulli talaallii iboolaa eegaleera.

Vaayrasiin Iboolaa baatii kana keessaa biyyattitti irraa deebiin kan muul’dhatee yoo ta’u, vaayrasiicha to’achuuf duulli talaallii eegaleera.

Mallattoon vaayrasicha ho’ina qaama cimaa fi dhangala’uu dhiiga hin dhaabbanneedha.

Vaayrasiin Iboolaa dhangalaa qaama nama vaayrasichaan qabamee keessaa ba’uu fi xuxuuqqiin namaa namatti darba jedhameera.

Vaayrasichaan bara Faranjootaa 2013 hanga 2016 Giinii, Laaybeeriyaa fi Seeraaliyoonitti lubbuu namoota kuma 11 fi 300 darbuun isaa ni yaadatama.

Maddi:-Aljaziira

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015