Hoomaa Awwaannisaa naannoolee saditti mudate ittisuuf hojjatamaa jiraachuu, Ministeerri Qonnaa beeksise

71

Finfinnee,Guraandhala 5/2013(TOI)- Hoomaa Awwaannisaa naannoolee saditti mudate ittisuuf hojjatamaa jiraachuu, Ministeerri Qonnaa beeksise.

Hoomaa Awwaannisaa naannoolee Oromiyaa,Kibbaafi Somaleetti mudate ittisuuf hojjatamaa jiraachuu, Ministeerri Qonnaa beeksiseera. Daarektarri eegumsa biqilaa ministeerichaa,Obbo Balaayinaa Nugusee Hoomaa Awwaannisaa Keeniyaarraa ka’uun bahaafi Kibbaa Oromiyaa,Naannoo Kibbaafi Somaleetti mudate ittisuuf keemikalli biifamaa jira jedhan.

Yeroo ammaa kana hoomaan Awwaannisaa naannoo Oromiyaa,Arsii,Arsii lixaa,Gujii,Gujii lixaafi Godina Booranaa,naannoo Kibbaa,Oomoo Kibbaatti akkasumas kibba Somaleetti mudateera jedhan.

Naannoo hoomaan Awwaannisaa mudateetti ogeeyyoonni mootummaa federaalaarraa ergaman naannoolee waliin ta’uun hojii ittisaa hojjachaa akka jiran himaniiru.

Fuldurattis giddugaloota farraa midhaani kanneen akka Awwaannisaa to’achuu dandeessisan Kombolchaa,Dirree dhawaafi Arbaa miinciitti banuuf karoorfamuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015