Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad warshaa zayita nyaataa Fibeelaa eebbisan.

78

Finfinnee, Amajjii 30/2013 (TOI) –Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad warshaa zayita nyaataa Fibeelaa eebbisan.

Warshaan zayitaa kunis lafa heektaara 30 irratti baasii birrii biiliyoona 4.5 ijaaramuu himame.

Warshaan zayitaa kun guyyaatti zaayitii toonii kuma 1fi toonii 500 ni oomishaa jedhameera.

Oomishaa zaayitii biyyaatiis 60% akka qabaatuu himameera.

Warshiichi oomisha zaayitii irra darbees saamunaa gogaa fi dhangala’aa oomishuun akkasumas margariinis ni oomishaa jedhameera.

Eebba warshaa kanarratti Itti Aanaa Muummee Ministiraa fi Ministiirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonnin, Pireezdaantiin Mootummaa Naannoo Amaaraa obbo Aaganyaw Tashaagarii fi aanga'oonni hojii mootumma olaannoo biroon argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015