Ameerikaan filannoo biyyaalessaa fi adeemsaa jijjiirrama Ityoophiyaa ni deeggarti – Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa - ENA Afaan Oromoo
Ameerikaan filannoo biyyaalessaa fi adeemsaa jijjiirrama Ityoophiyaa ni deeggarti – Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa
Finfinnee, Amajjii 28/2013 (TOI)-Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkaan Ameerikaan filannoo biyyaalessaa fi adeemsaa jijjiirrama Itoophiyaa ni deeggarti jedhaniiru.
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkaan hariiroo Itoophiyaa fi Ameerikaarratti bilbilaan mari’ataniiru.
Ministirichi marii isaaniitin rakkoo naannoo Tigraayi jiruuf soda qaban ibsuun, yeroo itti aanuuttis lubbuun akka hin banneef deeggarsi namoomaa amansiisaa fi walirraa hin cinnee taasifamuu akka qabu kaasaniiru.
Biyyii isaaniis aademsa jijjiirramaa Itoophiyaa fi filannoo gaggeeffamuu ni deeggarti jedhaniiru jechuun U.S.Department Of State miidiyaa hawaasuma isaa irratti barressera.
Dooktar Abiy Ahimad Ameerikaan jijjiirrama hunda galeessaa Itoophiyaatti gaggeeffama jiru deeggaruuf kakka’umsa qabduuf galateeffataniiru.
Dooktar Abiy Itoophiyaa deemokiraasiin itti babaldhatee, badhaatee fi nageenyaa qabduu ijaaruuf tattaaffi taasifamuuf cimsuuf hariiroon Itoophiyaa fi Ameerikaa sadarkaa fooyya’aarraan akka ga’uu ibsaniiru.