Sirna Galateeffannaa fi eebba kitaabaa seenaa Artiisti Alii Birraa Amajji 30 gaggeeffamu ilaalchisuun miidiyaaf ibsi kennameera.

133

Finfinnee,Amajji, 24,2013(TOI)- Sirna Galateeffannaa fi eebba kitaabaa seenaa Artiisti Alii Birraa Amajji 30 gaggeeffamu ilaalchisuun miidiyaaf ibsi kennameera.

Sirna beekamtii kennuufi eebba kitaabaa Dr kabajaa Artiisti Alii Birraa kan qopheessaa jiru Mootummaa Naannoo Oromiyaati.

Doktarri kabajaa Artiisti Alii Birraa, Artiistii gameessa,angafaafi jaallatamaa dha. Sirni kunis jaallatamummaafi aarsaa inni aartii Oromoo guddisuuf kaffale giddu galeessa godhachuun kan qophaa'e.

Alii Birraa walakkaa Jaarraa tokkoo oliif biyyaafi uummata isaa tajaajiluudhaan artiistii dorgomaa hinqabne jedhame.

Maddi:- OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015