Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmad, qonnaan bultoota, hojjettoota eksiteenshinii qonnaa fi qaamolee damee qonnaa irratti hojjataa jiran galateeffatan

65

Finfinnee,Amajji 22, 2013(TOI)- Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmad, qonnaan bultoota, hojjettoota eksiteenshinii qonnaa fi qaamolee damee qonnaa irratti hojjataa jiran galateeffatan.

Biyyi keenya qamadii alaa galchitu kan biyyatti oomishamuun bakka buusuufi baasii kanaaf oolu Doolaara Biliyoona 1 hambisuuf qonnaan bultoota keenya cimoo, hojjettoota eksiteenshinii qonnaa fi qaamolee damee qonnaa dhimmichi ilaallatu cimanii hojjataa jiran galateeffachuun barbaada jechuun Minitirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahamd Fuulfeesbuukii isaanirratti barreessaniiru.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi, guyyaa har’aa qamadii jallisiin qonnaan bultoota Godina Addaa Naannawaa Finfinnee Aanaa Aqaaqiin misoomaa jiru daawwachuusaani ni beekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015