Piroojektiin sagantaa nyaataa manneen barnootaa 500 hammatu ifoomsaniiru.

58

Finfinnee, Amajjii 19, 2013 (TOI) – Ministeerri Barnootaa Dhaabbata Dargaarsa Daa’immanii waliin ta’uun Piroojektii sagantaa nyaataa manneen barnootaa 500 hammatu ifoomsaniiru.

Piroojektii sagantaa nyaataa manneen barnootaa biyya keessaa kanaarraa barattoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 63 fayyadamoo ni ta’u jedhame.

Sagantichi naannolee 5 aanaalee 13 keessatti hojiirra oolas jedhameera.

Manneen barnootaa idilee duraa fi sadarkaa 1ffaa sagantichaan kan hammataman yoo ta’u, sagantichi waggaa 1f kan turu ta’uu ibsameera.

Piroojektichi daa’imman abdii boruu ta’an manneen barnootaa ala akka hin taanee fi sirnan barnoota isaanii akka hordofaniif shoora olaanaa qabaachuu akka danda'u Ministir Deettaan Ministeera Barnootaa obbo Miiliyoon Maatiwoos ibsaniiru.

Itoophiyaatti daayreektarri olaanaan dhaabbata gargaarsa Daa’immanii Ikkiin Oguutooguulaariin gama isaaniin, piroojektiin kun dameewwan dhaabbatichi xiyyeeffannoo itti laachuun hojjetu keessa isa tokko ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015