Jila fooramii misooma waliinii Oromoofi Somaaleerratti hirmaachuuf naannoo Somaaleerraa gara magaala Finfinneetti imaleef bufata xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti simannaan godhameefiira

67

FINFINNEE Amajjii 17,2013(TOI)-Jila fooramii misooma waliinii Oromoofi Somaaleerratti hirmaachuuf naannoo Somaaleerraa gara magaala Finfinneetti imaleef bufata xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti simannaan godhameefiira.

Jila pireezedaantii ittiaanaa Mootummaa Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammadiin durfamu fooramii misoomaa waliinii Oromoofi Somaaleerratti hirmaachuuf dhufe ,pireezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimalliis Abdiisaa dabaltee hoggantoonni olaanoo naannichaatiin simannichi kan godhame.

Simannaan isaanii godhame kan isaan gammachise akka ta'e miseensoonni jilichaa dubbataniiru.

Jilli kun dhimmoota misooma waliinii naannolee lameenirratti kan mari'atu ta'a jedhamera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015