Daaysipoooraan piroojektii maaddii biyyaaf deeggarsa birrii miiliyoona 27 gumaache - Ministeera Dhimma Alaa

60

Finfinnee, Amajjii 13, 2013(TOI) -Daaysipoooraan waliin jireenyaafi deeggarsa mul’isuuf piroojektii maaddii biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 27 gumaache- Ministeera Dhimma Alaa

Miseensonni Daaysipoooraa Itoophiyaa waliin jireenyaafi deeggarsa mul’isuuf piroojektii maaddii biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 27 gumaacha taasisuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Miseensota Daaysipoooraa Itoophiyaa gumaacha taasisan keessaa torbee dhuftu sagantaa irbaataa qophaa’urratti namoota akka hirmaataniif carraan qaqqabe 11 maqaan isaanii ifoomeera.

Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo; piroojektoota Naannoolee Oromiyaa, Amaaraafi Kibbaatti ijaaramuuf Daaysipoooraan bifa adda addaan deeggarsa taasisaa jira jedhaniiru.

Waamicha Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad pirojektoota Kooyishaa, Goorgoraafi Wancii misoomsuuf dhiyeessaniif Daaysipoooraan waliin jireenyaafi deeggarsa mul’isaa jira jedhaniiru.

Bara kana Ministeerri Dhimma Alaa lammiilee Itoophiyaafi dhalattoota Itoophiyaarraa yaada Daaysipoooraan piroojektii maaddii biyyaaf jedhuun deeggarsa Birrii miiliyoona 50 sassabuuf karoorfachuu himaniiru.

Akka gabaasa TOItti karoora kurmaana lammaaffaan Birrii miiliyoona 15 sassaabuuf karoorfatee, Birrii miiliyoona 27 sassaabuu danda’eera jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015