Sudaan daangaa ishee cimsitee akka eegduuf malee lafa Ityoophiyaa akka qabatuuf eeyyama kan laate hin jiru – Ministeera dhimma Alaa

Finfinnee, Amajjii 12, 2013 (TOI ) - Itoophiyaa fi Sudaan gidduu burjaajjiin jiru karaa nagaan akka furamuuf Itoophiyaan ammas qophii ta’uu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa muftii himaniiru.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa mufti ibsa laataniin, sochiin Sudaan naannoo daangaatti taasiftu fedhii ummata biyyattii mitis jedhaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa wayita olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigiraayyitti eegale Sudaan naannoo daangaa cimsitee akka eegduu Itoophiyaan yaadachiifte turte.

Haata’uutii loltoonni Sudaan daangaa ce’uun lafa Itoophiyaa too’ataniiru jedhan.

Mootummaan Itoophiyaan loltoonni Sudaan lafa Itoophiyaa qabatan gadi dhiisaanii akka bahaniif yaadachiisuu beeksiseera.Haata’utii, ammas dhimmi daangaa biyyoota lameen giduu jiru gara walitti bu’iinsatti fudhachuun qaamoleen socho’an jiraachuu kaasaniiru.

Daangaa Itoophiyaafi Suudaan waliin walqabatee ammas ejjannoon Itiyoophiyaa Suudaan lddoo ishee duritti deebitee qaama sadaffaa malee Itiyoophiyaan mari'achuuf qophii ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015