Sirni awwalcha ambaasaadar Dinbaruu Alamuu har'a raawwate.

79

Finfinnee Amajji, 12/2013 (TOI)- Sirni awwalcha ambaasaadar Dinbaruu Alamuu har'a raawwate. Sirna awwaalchaa kanarraatti ittinaan ministira muummee Itoophiyaa Dammaaqaa Mokoniin, argamaniru.

Ambaasaadar Dimbaruu Alamuun Duba'itti waajjira qonsilaa jeneral Itoophiyaatti dipiloomaatii ta'anii osoo tajaajila jiranii dhukkubsatanii yaalamaa osoo jiranii amajjii 9/2013 boqotan.

Riiffii isaanii Duba'ii kaleessa gara Itoophiyaatti kan galee yoo ta'ee ittanaan pireezidantii naannoo kibbaa Obbo Ristuu Yirdaawu , ambaasadaroonni akkasuma firoonni fi hiryoonni isaanii buufata xiyyaara Idil addunya booleetti argamuun simataniru.

Sirni awwaalcha ambaasaadar Dinbaruu alamuu har'aa bakka awwaalcha musiliimaa Kolfeetti raawwatera. Sirna kanarrattis ittnaan ministiraa muummee Dammaaqaa Mokoniin dabalatee hoggantoonni biroon akkasuma firoonni fi hiryoonni argamaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015