Ameerikaan bakka argama ilma Osaamaa Biin Laaden kan eereef badhaasa doolaara miiliyoona 1 qopheessite

57

Guraandhala 22/2011 Mootummaan Ameerikaa bakka argama ilma hoogganaa Alqaayidaa duraanii Osaamaa Biinlaadan, Haanzaa Biillaadan kan eereef badhaasa birrii miiliyoona 1 qopheessiteetti.

"BBC"n akka gabaasetti, Haamzaa Biillaadaen hoogganaa garee hidhataa Alqaayidaa ta'uuf qophiirra akka jirus ibsameera.

Ilmi Osaamaa Biillaaden wayita ammaa dhiheenya daangaa Afgaanistaanii fi Paakistaan jiraachuu akka danda'u ministeerri dhimma alaa Ameerikaa ibseera.

Ameerikaan umuriinsaa waggaa 30 akka ta'e kan tilmaamamu Haamzaa Biillaaden waggaa lama dura galmee shororkeessaa idil addunyaatti ramaddeetti.

Waggaa muraasa dura ergaa sagalee fi suuraadhaan gadi lakkiseen Ameerikaa fi deeggartootashee warra lixaarratti haleellaa raawwachuudhaan du'a abbaasaa akka haaloo ba'an hordoftootasaaf waamicha dabarseera.

Bara faranjoota 2011 humnoonni addaa Ameerikaa dallaa isaa Paakistaan Abootaabaaditti argamutti Osaamaa Biillaaden ajjeesuunsaanii ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015