Taphoota Beetkiing Priimeyar Liigii Ityoophiyaa Torbee 7ffaan Jimmaa Abbaa Jifaar injifatame

1794

Finfinnee, Amajjii 7, 2013 (TOI) – Taphoota Beetkiing Piriimeyar Liigii Itoophiyaa Torbee 7ffaan har’a gaggeeffameen Qidduus Giyoorgisii Jimmaa Abbaa Jifaariin 3 fi 2 injifate.

Taphichaa irratti Qudduus Giyoorgisiif Geetaanee Kabbadee gaalii 3 galcheera.

Jimmaa Abbaa Jifaariif immoo Roobaa Warquu, fi Beekaam Abdallaa goolii tokko tokko yoo lakkoofsiisan.

Taphii Beetkiing pireemery liigii Itoophiyaa kun waaree booda ittifufe kan tphatamuu yoo ta’u Walaayitaa Diichaan magaalaa Sabbataa waliin Istaadiyeemii Yuunvarsiitii Jimmaatti ni taphatu jedhameera.