Ejensichi balfa deebisee misoomsuun galii birri miiliyoona 52 argate.

89

Finfinnee, Amajji,7/2013 ( TOI) -Bulchinsa magaalaa Finfinneetti Ejensiin bulchiinsa balfa gogaa baatii 6 keessatti balfa gogaa deebisanii hojirra olchuun galii birri miiliyoona 52 argachuu beekisisseera.

Hojii geggeessan Ejensichaa doktar Asheetuu Lammaa akka himanittii hojii kanaan naannoo qulqulleensuun cinaatti balfa deebisanii hojiirra olchuun bu'aan irra argachuun danda'amera.

Dargaggoota gurmeessuun balfa gogaa irraa xaa'oo oomishuun danda'amera. Kaneen Pilaastika ta'an immoo deebi'anii akka hojiirra olaanii tasifameera jedhani.

Bara bajataa kanattis ji'a 6 keessatti hojii kanarraa galiin birrii miiliyoona 52 argamuu himaniru.

Hojii kanarratti dargaggoonni kuma tokko caalaan hirmaachuun fayyadamoo ta'aniru jedhamera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015