Guyyaan kabaja gadaan UNESCO irratti galmaahe waggaa arfaffaan sirnoota adda addaatiin kabajamaa jira

104

Finfinnee,Amajjii 02, 2013(TOI)- Guyyaan kabaja gadaan UNESCO irratti galmaahe waggaa arfaffaan sirnoota adda addaatiin kabajamaa jira.
Ayyaanichi jala bultii irraa kaasee agarsiisa aadaa fi Marii paanaaliitiin kabajamaa tureera.

Guyyaa har'aa Amajjii 02 jilli kabaja Gadaan UNESCO irratti galmaahe bakka keessummoonni, abbootiin gadaa fi haadholeen sinqee akkasumas ummanni Oromoo kutaalee Oromiyaa irraa argamanitti kabajamaa jira.

Jila kanaan agarsiisni aadaa Dabballeerraa hanga Yuubaa jiru agarsiifameera.

Hogganaan Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa Obbo Kabbadaa Deessisaa, ergaa ayyaana kanarratti dabarsaniin Gadaan hambaa addunyaa tahuun aadaa Oromoo bira jiru addunyaatti beeksisuuf gargaara jedhan.

Aadaa ummanni addunyaa hinqabne, garuu Oromoon qofa qabu kunuunsuun imaanaa dhaloonni asiin gahe ceesisuu qabnas jedhan.

Deetaan Ministira Aadaa fi Turizimii Aadde Fariyaat Mohaammad, Ministeerichi aadaa eeggamtee dhalootaaf darbuu qabdu hunda naannolee waliin tahee hojjataa jiraachuu himaniru.

OBN gabaase.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015