Haala naannoo Daangaa Oromiyaa fi Gaambeellaatti nageenya waaraa fiduun danda’amurratti magaalaa Gaambeellaatti mariin gaggeeffamaa jira.

77

Finfinnee, Muddee 26, 2013 (TOI) – Haala naannoo Daangaa Oromiyaa fi Gaambeellaatti nageenya waaraa fiduun danda’amurratti magaalaa Gaambeellaatti mariin gaggeeffamaa jira.

Uummannii Oromoo fi naannoo Gaambeellaa walitti hidhaminsa bara dheera qabu jedhan pireezdaantiin mootummaa naannoo Gaambeellaa obbo Uumod Ujuluun.

Jijjirramaa as mootummaan naannoo Oromiyaa humna dandeettii raawwachisummaan mootummaa naannoo Gaambeelaa cimsuuf hojii bal’aa hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Mariin kunis nageenya waliinii cimsuun walitti hidhaminsa misoomaaf akka hojjennu nu gargaara jedhan. Hogganaan Biiroo Bulchinsaa fi Nageenya Oromiyaa obbo Jibriil Mahaammad mariin kun rakkoo nageenyaa darbe darbe daangaa irratti muul’atu kan furu ta'u himaniiru.

Marii kanarrattis waraqaan qorannoo hojiiwwan nageenyaa walitti hidhaminsaan hojjetamee dhiyaachuun irratti mari’atamaa jira.Marii kana irratti qooda fudhattoonni adda addaa godinaalee Iluu Abbaa Booraa fi Qellam Wallagaa akkasumas naannoo Gaambellaa irratti hirmaataa jiru.

Maddi:- OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015