Mootummaan Nannoo Oromiyaa gaafiwwan misoomaa haawasni gaafatu deebiisuuf kutannoon hojjechaa jira

154

Finfinnee, Muddee 15/2013(TOI)- Mootummaan Nannoo Oromiyaa gaafiwwan misoomaa haawasni gaafatu deebiisuuf kutannoon hojjechaa jira jedhan Sadarakaa Pireezeedaantii itti Aanaatti Qindeessaan Kilaastera Hawaasummaa Obbo Addisuu Araggaa.

Jilli Obbo Addisuun durfamu hoggantoota naannoofi Godina Baalee waliin Magaalaa Gobbaafi Aanaa Goorootti pirojeektoota ijaaramaa jiraniifi oomisha walitti qabamaa jiru daawwataniiru.

Jilla kanaan Hospitaalli Riferaalaa walii galaa magaalaa Gobbaatti Baajata Mootummaan Fedeeraalaa birrii biliyoona tokkoo fi miliyoona sadiin ijaarama jirus daawwatameera.

Hojiin Misoomi Jallisiin Godina Baalee Aanaa Sinaanaa Ganda Shaallootti argamuus daawwatameera.

Maddi:- OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015