Gamtaan Awurooppaa deeggarsa Ityoophiyaaf laatu dhaabeera jechuun odeeffannoon tamsa’un dogooggora ta’uu ibsame.

71

Finfinnee, Muddee 13, 2013 (TOI) - Gamtaan Awurooppaa deeggarsa Ityoophiyaaf laatu dhaabeera jechuun odeeffannoon tamsa’un dogooggora ta’uu ibsame.

Sababa tarkaanfii olaantummaa seeraa kutaa biyyattii kaaba Ityoophiyaa fudhatameen Gamtaan Awurooppaa deeggarsa Ityoophiyaaf laatu dhaabeera jechuun odeeffannoon tamsa’u dogooggora ta’uu Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii ibsaniiru.

Bara Faranjootaa 2014 hanga 2020tti Gamtaan Awurooppaa Ityoophiyaatti dameewwan garagaraaf raawwachuuf kan oolu Yuuroo miiliyoona 800 fi miiliyoona 15 keessaa %95 fayyadamteetti.

Deeggarsa maallaqaa hafe gadi dhiisuuf ammoo tarkaanfii olaantummaa seeraa kaaba biyyattitti raawwatamerratti haldureewwan guutamuu qaban akka kaa’e Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii himaniiru.

Tarkaanfii olaantummaa seeraa waliin walqabatee hanga ammaatti dhiibbaan idil addunyaa mudate hin jiru jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015