Guyyaa guyyaan dhukkubsattonni Covid -19 300 ol ta’an gara kutaa yaala cimaa akka galan Ministeerri Fayyaa beeksise. - ENA Afaan Oromoo
Guyyaa guyyaan dhukkubsattonni Covid -19 300 ol ta’an gara kutaa yaala cimaa akka galan Ministeerri Fayyaa beeksise.
56
Finfinnee,Mudde,14/2013(TOI) – Guyyaa guyyaan dhukkubsattonni Covid -19 300 ol ta’an gara kutaa yaala cimaa akka galan Ministeerri Fayyaa beeksise.
Hanga ammaatti dhukkubsattota kanneen keessaa 40 hanga 50 kan ta’aan maashina qaama hargansuuf isaan gargaaruu akka isaan barbaachisuus ibsameera.
Deetaan Ministira Fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa yeroo ammaa lakkoofsi namoota Covid -19’n lubbuun isaanii darbuufi kutaa yaala cimaa galan dabala jira jedhan.
Kanaan dura dhibeen Covid -19 Magaalaa Finfinneefi Magaaloota Naannoolee keessatti qofa kan argama ture yoo ta’u yeroo ammaa garuu aanolee 900 keessatti namoonni vaayirasii koronaan qabaman argamaniiru jedhameera jechuun dhaabbanni pireesii Itoophiyaa gabaasera.