Baqattoonni Sudaanitti argaman gara biyya isaanitti akka deebi’aniif mariin gaggeeffame

53

Finfinnee, Muddee 8, 2013 (TOI) - Baqattoonni Sudaanitti argaman gara biyya isaanitti akka deebi’aniif mariin gaggeeffameera.

Sudaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Yibalxaal Ayimiroo Sudaanitti hoogganaan Biiroo Dhimmoota Baqattootaa Bulchiinsa Gadaariif Alhaafiiz Mahaammad fi Gadaarifitti Bakka Bu’aa Komishinii Olaanaa Dhimmoota Baqattootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Indiraw Embiigoor waliin mari’ataniiru.

Marichaan Sudaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Yibalxaal Ayimiroo baqattoonni fedhii qaban gara biyya isaanitti akka deebia’an gaafataniiru.

Bakka buutonni gama isaaniin baqattoota haasofsiisuun eeyyamamoo kan ta’an gara biyya isaanitti deebisuuf akka hojjetan ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015