Obbo Dammaqaan aanga’oota olaanoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin mari’atan

81

Finfinnee, Muddee, 6/2013 (TOI)- Itti Aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonnin aanga’oota olaanoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin mari’ataniiru.

Marichaan obbo Dammaqaan Bareessaa olaanaan Dhaabbataa Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez, mootummaan naannoo Tigraayitti olaantummaa seeraa kabachiisuuf tarkaanfii fudhateef ejjennoo hin jijjirramne qabaachuu isaanii galateeffataniiru.

Haala waqtaawaa naannoo Tigraayii fi haala yeroo ammaa irratti ibsa laataniiru.

Bulchiinsi yeroo naannichaa uumata waliin mari’ata jiraachuus ibsaniiru. Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad naannichatti imaluun daawwannaa taasisuu fi bulchiinsa yeroo naannichaa waliin mari’achuun haalli naannicha suta suta gara sochii idileetti deebi’a jiraachuu himaniiru.

Dabalataaniis bu’uraalee misoomaa miidhaaman deebisanii dhaabuu fi lammiilee gara Sudaanitti baqatan gara biyyaa deebisuuf mootummaan xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuu ibsaniiru.Mootummaan yakkamtoota adamsuun seeraatti dhiyeessufis hojjetaa jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015