Kaantiibaa Itti Aantuun Magaalaa Finfinnee dargaggoota waliin ta’uun Hurufa Boombii qulqulleessan.

97

Finfinnee,Mudde 06/2013(TOI)-Kaantiibaa Itti Aantuun Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee hawaasa Isportii,Artiistootaafi dargaggoota waliin ta’uun Hurufa Boombii qulqulleessan.

Duula qulqulleesuu kanarratti Kaantibaa Itti aantuun Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee giddugalli gabaa kuduraafi muduraa sababa weerara vaayirasii koronaan Piyaassaa (Birbirsa Gooroorraa) gara Hurufa Boombiitti jijjirame ture guutummaan guutuutti kaasuun Ayyaanaa Cuuphaafi iddoo dargaggoonni Ispoortii itti hojjatan ta’as jedhaniiru.

Torbee laman dhufu keessatti Hurufti Boombii gara tajaajila duraatti akka deebi’u himaniiru.

Iddoowwan daldala kuduraafi muduraa bakka gara garaatti dhaqabamaa gochuuf hojjatama jira kan jedhan Aadde Adaanach daldaltoonni Hurufa Boombitti argaman boruurraa jalqabee gara Haayile Garmantittii galus jedhan.

Daldaltoonnis deeggarsa bulchinsi magaalaatti taasiseef kan galateeffatan yoo ta’u, boruurraa jalqabe kallattii bulchinsi magaalichaa nu kennuun iddoo jijjirrachuuf qophiidha jechuusaanii, ragaan waajjira Pirees seekiretaariyaatii Finfinneerra arganne ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015