Afrikaan dandeettii damee humna haaromsaa qabdutti fayyadamnaan fayyadamummaa humnaa lammiilee ishee mirkaneessuu ni dandeessi-Dooktar Injinaar Silashii Baqqalaa - ENA Afaan Oromoo
Afrikaan dandeettii damee humna haaromsaa qabdutti fayyadamnaan fayyadamummaa humnaa lammiilee ishee mirkaneessuu ni dandeessi-Dooktar Injinaar Silashii Baqqalaa
Finfinnee, Muddee 5, 2013 (TOI)- Afrikaan dandeettii damee humna haaromsaa qabdutti fayyadamnaan fayyadamummaa humnaa lammiilee ishee mirkaneessuu akka dandeessu Ministirri Ministeera Bishaanii Jallisii fi Iinarjii Dooktar Injinaar Silashii Baqqalaan himaniiru.
Ministirichi hundeeffama waggaa 85ffaa maandiisoota qaama bishaanii fi waldaa qorannoo irratti viidiyoo konfaraansiin hirmaataniiru.Dooktar Injinaar Silashiin haasawa taasisaniin, humni haaromsaa addunyaa %90 hidha bishaanirra akka maddu ibsaniiru.
Afrikaan dandeetti damee humna haaromsaa qabdutti fayyadamnaan fayyadamummaa humna lammiilee ishee mirkaneessu ni dandeessi jedhaniiru.
Itoophiyaan Hidha haaromsaa Guddichaa ijaaraa jirti kan jedhan Dooktar Injinaar Silashiin, hidhichi madda humna elektirikaa dabalatee carraa hojii uumuu, indaastiriiwwan babal’isuuf, hanqina dhiyeessii humnaan rakkoo dubartootarra qaqqabu hir’isu dabalatee sharafaa alaa fi biyyoota ollaa waliin diinagdee waloo uumuuf akka dandeessisu ibsaniiru.