Finfinneetti Wiirtuu Ittisaa fi Too’annoo Dhibee Afrikaa ijaarsisuuf dhagaan bu'ura ka'amee.

68

Finfinnee, Muddee 5, 2013 (TOI) - Finfinneetti Wiirtuu Ittisaa fi Too’annoo Dhibee Afrikaa ijaarsisuuf Wiirtuun Ittisaa fi Too’annoo Dhibee Afrikaa /CDC/ waajjira olaanaa ijaarsisuuf dhagaan bu’uura kaa’eera.

Wiirtuun kun magaalaa Finfinnee naannoo Haylee Garmeentiitti kan ijaaramu yoo ta’u, baasiin ijaarsa kana mootummaa Chaayinaan kan uwwifamu ta’a jedhameera.

Sirnicharratti Komishinarri Komishinii Dhimmoota Hawaasummaa Gamtaa Afrikaa Amiir Alfaadiil Mahaammad, Gamtaa Afrikaatti Ambaasaaddara Chaayinaa Lii’uu Yuujii, Ministira Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaa, Itti Aantuu Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee fi bakka bu’oonni gamtaa Afrikaa biroon argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015