Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa Yaa’ii isaa idilee 24ffaa taa'aa jira.

73

Finfinnee, Mudde 05/2013(TOI)-Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa Yaa’ii isaa idilee 24ffaa taa'aa jira.

Pireezidaantiin Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa Atileet Darartuu Tulluus hirmaattota Yaa'ichaan baga nagaan dhuftaan jedhaniiru.

Federeeshinichi Yaa’ii isaatiin Raawwii bara 2012,Oodiitii biyyaa Alaa, karoora waggoota 8 Federeeshiniichaa fi karoora bara 2013 irratti ni mari'ata jedhameera.

Yeroo ammaa gabaasni bara 2012 dhiyaatee irratti mari'atamaa jira.Yaa’ii kanarrattis Ministiirri Aadaafi Turiizimii Dr. Hiruut Kaasaaw , Komishinarri Komishinii Ispoortii Federaalaa Obbo Eeliyaas Shikurii ,Deetaa Ministeera Aadaafi Turiizimii, Obbo Habtaamuu Sisaayifi Pireezidaantiin Oolompikii Itiyoophiyaa Dr Ashabbir W/ Goorgiis irratti argamaniiru jedhamera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015