Naannoo Tigraayitti hojii yakkamtoota adamsaani qabuutu hojjetama jira - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Tigraayitti hojii yakkamtoota adamsaani qabuutu hojjetama jira

Finfinnee, Sadaasa 25/2013(TOI)-Mootummaan federalaa naannoo Tigraayitti hojii olaantummaa seeraa hojechaa jiruun garee juntaa ABUT adamsee qabuun seeratti dhiihessuf hojjecha jira jedhan Jarmanitti Ambaasaaddar Itoophiyaa Muluu Salamoon.
Hojii mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojjechaa jiru kanas Jarmanitti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Muluu Salamoon sagantaa deechewelee tuu zee poo'inti jedhamurratti dhiyaatanii ibsa kennaniru.
Motummaan kanaan dura dhimma kana karaa nagan furuu yaala turuu kan eerun Ambaasandar Muluu Salaamoon amma hojiin hojjetamaa jiru lolaa osoo hin taanee garee karaa dhiifamaa fi nagaa mootummaan ka'e kana dhiisanii uummata Tigiraay dahoo godhachuun seeraa cabsaan adamsaanii qabuun seeratti dhiheesudha jedhan.