Ityoophiyaa fi Baankiin Addunyaa waliigaltee deeggarsaa fi liqaa doolaraa miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 12.5 walii mallateessan

69

Finfinnee, Sadaasa 24/2013 (TOI)- Itoophiyaa fi Baankiin Addunyaa waliigaltee deeggarsaa fi liqaa doolaraa Ameerikaa miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 12.5 walii mallateessaniiru.

Waliigalticha Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shidee fi Baankii Addunyaatti bakka bu’aan Afrikaa bahaa Osmaan Diyoon mallateessaniiru.

Bu’uura waliigaltichaan deeggarsaan doolaraa miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 12.5 yoo ta’u, miiliyoonni 200 ammoo liqaan ta’uu ibsameera.

Maallaqichi sagantaa wabii nyaata Itoophiyaatti gaggeeffama jiru cimsuufi jedhameera.Sagantichi iddoowwan baadiyyaa hiyyumma hamaa keessa jiraanii fi sababa hongeef hanqina nyaataaf saaxilamoo ta’an fayyadamoo taasisaa jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015