Gareen ABUT erga yeroo inni aangoo qabatee jalqabee akka nama hordofaa tureetti yoon ilaalu gareen kun hojii hookkaran gara aangootti deebi'uf yaali gochaa jira jechuun Ministiraa dhimma alaa Ameerikaatti gargaraa dhimma Afirkaa kan ta'an Tiboor Nazii himan

105

Finfinnee, sadaasa,23/2013(TOI)-Gareen ABUT erga yeroo inni aangoo qabatee jalqabee akka nama hordofaa tureetti yoon ilaalu gareen kun hojii hookkaran gara aangootti deebi'uf yaali gochaa jira jechuun Ministiraa dhimma alaa Ameerikaatti gargaraa dhimma Afirkaa kan ta'an Tiboor Nazii himan.

Taboor Naziin dhimma haala yeroo biyyatti irratti tajaajila Raadiyoo BBC irratti dhihaachuun ibsa taasisaniru.Taboor akka jedhanitti amma mootumman Itoophiyaa dullii waranaa olaantumma seera kabachiisuuf naannoo Tigirayitti geggeffama jiru xummuramera jedhera. Kun immoo lammileef tajaajila deeggarsaa namoomaa gochuuf carra gaarii ta'uu himaniru.

Hojiin mootumman Itoophiyaa lammilee buqqa'an deebsanii dhaabuuf dhaabbilee idil addunyaa waliin hojjechaa jiru jajjabessadha.

Taboor Nazii akka himanitti dhimma Itoophiya bara 1984 irra jalqabanii hordofaa turan. Gareen ABUT ministira mummee Abiy Ahimad aango irra buusuuf sochii gochaa akka ture Raadiyoo BBCtti himaniru.

Gareen kun kayyoo isaa kana galmaan gahuuf yaaluus madaallin humna jiru gara mootummatti waan caaluuf humni wal madaaluu hin turres jedhaniru.

Itoophiyaatti Ambaasadara Ameerikaa duraanii ta'anii kan tajaajilan Taboor Naziin doktar Abiy Ahmad Itoophiyaa hogganuuf yeroo angoo fudhaan rakkoo baay'ee kan qabdudha jedhaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015