Ministirri Aadaa fi Tuurizimii Dr. Hiruut Kaasaaw, bara Faranjoota 2019ti hoggantu turizimii cimtuu Afrikaa jedhamun filataman

Finfinnee, Sadaasa.23/2013(TOI)- Ministirri Aadaa fi Tuurizimii Dr. Hiruut Kaasaaw, bara Faranjoota 2019ti hoggantu turizimii cimtuu Afrikaa jedhamun filataman.

Filannoo kana kan ifoomse Gaanaatti kan argamu Dhaabbata Fawuundeshinii Siitriit of gooldi jedhamudha.Sirni badhaasa kana guyyaa kudhan booda magaalaa Finfinnee hoteela Iskaayilaayiititti akka adeemsifamu Ministeerri Aadaa fi Tuurizimii fuula midiyaa hawaasaa isaarratti barreesseera.

Hoggantu turizimii cimtuu Afrikaa bara 2019 ta'un kan filaman doktar Hiruut Kaasaaw fuula feesbuk isaanirratti akka barreesanitti Turizimii, Hotela fi keesummeessuu irratti kan hojjetaan akkasumas hojii seektara kanaan walqabee jiru kan hojjetaan hundii, hojjettoonni Minsiteera Aadaa fi Turizimii hundii beekamtiin kun kan hundaa keessaniti waan ta'eef baga gammaddan jedhaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015